Loltoonni giddugala Leenjii Huursootti leenji’aa turan eebbifaman

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Loltoonni giddugala Leenjii Huursootti leenji’aa turan eebbifamuu ibsameera.
Sirna eebbichaarratti ajejaan giddugala nageenya kabachiisaa Raayyaa Ittisaa Leetanaal Jeneraal Dassitaa Abichee dabalatee hoggantoonni waraanaa olaanoon, keessummoonni waamichi taasiisamee fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru.
Eebbifamtoonni agarsiisawaan waraanaa garaagaraa keessummoota fuulduratti dhiyeessaniiru.

 

Eebbifamtoonni kunneen giddugala leenjii Huursoo, Xollaayii fi Birshalaqootti leenjii waraanaa hordofuun kanneen xumuran ta’uu eerrameera.
Eebbifamtoonni har’a eebbifaman fedhiin gara raayyaa Ittisaatti kan makamanii fi ulaagaalee barbaachu kanneen guutan ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI beeksiseera.
Leenjii ga’umsa qaamaa fi mala dhukaasaa fudhachuun dandeettii olaanaa horachuu isaanii qabatamaan agarsiisuu ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamakeenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment