Loltoonni duraanii miidhaa waraanaa hubachuun nageenya itichuuf adda duree akka ta’an gaafatame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Waraanni darbe miidha geessise hubachuun loltoonni duraanii nageenya biyyaa ittichuuf adda duree ta’anii argamuu akka qaban Koomishinarri Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan ibsan.

Ambaasaaddar Tashoomaan, naannawaalee walitti bu’iinsi mudatee ture deebisanii ijaaruu fi nageenya waaraa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan bara 2016 adeemsaalee nageenya waaraa taasisuuf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa fi hunduu hojiirra oolmaa isaa deeggaruu akka qabu dubbataniiru.

Loltoonni duraanii gara jireenya idileetti deebisuu fi misoomarratti hirmaachuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, milkaa’ina isaaf tattaaffiiwwan nageenyaa tumsuu fi waloon hojjechuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Walitti bu’iinsa keessatti qaamolee hirmaatanis mari’achuun rakkoolee jiran mariin akka furaman qophii ta’uu akka qaban ibsaniiru.

“Waraanichi akkuma hundaa miidhu, nageenyi ammoo hundaa kan fayyaduudha” jedhanii, mootummaan tattaaffiin nageenyaa cimee akka itti fufuu fi hunduu tumsa akka taasisuuf gaafataniiru.

Loltoonni duraanii, wayitaa waraanaatti ofii isaanii, maatii fi naannawaa isaaniirraa miidhaa qaqqabe hubachuun fakkeenya nageenyaa ta’uun sochii taasisuu qabu jedhameera.

Fedhii isaanii milkeessuuf qaamoleen hidhatanii socho’anis itti yaaduun mariin rakkoolee jiran furuuf qophii ta’uu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment