Lixaa fi Kibba Oromiyaatti nageenyi bu’aa dhufuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Lixaa fi Kibba Oromiyaatti nageenyi bu’aa dhufuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
 
Rakkoon nageenyaa Lixaa fi Kibba Oromiyaatti mudatee ture furamaa jiraachuu koomiishinichi beeksiseera.
 
Nageenyi uumamuu kan eegales tarkaanfii caasaan nageenyaa fudhateeni jedheera Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa.
 
Walitti bu’iinsi mudatee ture yeroo ammaa furamaa dhufuus ibseera.
 
Koomiishinar Janaraalli Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan jijjiirrama muul’ate gufachiisuuf waggaa tokkoon darbetti humnoonni hidhatan rakkoo uumaa turaniiru jedhan.
 
Humnootiin hidhatanii socho’an abbootii qabeenyaa, hoggansa mootummaa fi caasaa nageenyaa amma ajjeesuutti ga’uudhan, magaalaa fi baadiyyaattis gochoota badii raawwachuudhan, hawaasaf sodaa ta’aniit turan jedhan.
 
Mootummaan rakkinichi mariidhan akka furamu hojjetaa turus hin milkoofne jedhan koomiishinar janaraalichi.
 
Sababuma kanarraa kan ka’e tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachuu eegale jedhan.
 
Lixa Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa, Kibba Oromiyaa Gujii fi Gujii Lixaatti humnootiin hidhatan rakkoo nagaa uumaa turaniiru jedhu koomiishinar janaraalichi.
 
Akka gabaasa TOItti amma tarkaanfin fudhatamuu eegaluu isaatin nageenyi uumamaa jira.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment