Liqaan Humna Elektirikii Ityoophiyaa birrii biiliyoonni dhibbi 1fi biiliyoonni 91.8 haqamuun gara Kaappitalaatti akka jijjiirramu taasiifame

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Liqaan Humni Elektirikii Ityoophiyaa Baankii Daldalarraa fudhate % 50 yookaa birrii biiliyoonni dhibbi 1fi biiliyoonni 91.8 haqamuun gara Kaappitalaatti akka jijjiirramu murtaa’uu ibsameera.
 
Ministeerri Maallaqaa, Korporeeshiniin Bulchiinsa Qabeenyaa fi Idaa Mootummaa, Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa fi Humni Elektirikii guyyaa har’aa waliigaltee waloo taasiisaniiru.
 
Humni Elektirikii Ityoophiyaa Liqaan bara Faranjootaa 2004 hanga 2016 Baankii Daldalaa Ityoophiyaarraa fudhate guutummaan guutuuttii fi kan bara 2017 walakkaan haqamuun gara Kaappitaalaatti akka jijjiirramu murtaa’eera.
 
Dhaabbatichi Liqaan bara faranjootaa 2017 Baankii Daldalaarraa fudhate garuu ofii isaan kan kaffalu ta’uu ibsa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif ergeen ibseera.
 
Liqaan haqame dhaabbichaaf Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoona 91.8 dhala malee akka hafu taasiiseera.
 
Dhaabbatichi bara baajataa kana dhala kaffaluuf ture Birrii biiliyoona 17.25 fi bara dhufu Birrii biiliyoona 17.81 dhala kaffaluurraa baraarrameera.
 
Dhalli bara 2013 kaffaluuf ture galii dhaabbatichaa % 85 ol uwwisa jedhame.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment