Liiz Tiruus Muummee Ministiraa Ingiliz ta’uun muudaman

Finfinnee ,Qaammee 1,2014 (FBC)- Ga’eettiin ganna 47 Liiz Tiruus Muummee Ministiraa Biriiteen ta’uun mootittii Elzaabeetiin muudaman.

Aangoo gadi lakkisuu Muummee Ministiraa Booris Joonsan hordofee, Booriis Joonsaniin bakka bu’uuf duula filannoo Paartii Konservaatiiv keessatti gaggeeffameen Liiz Tiras sagalee caalmaa argachuun guyyaa kaleessaa hoggantuu paartchaa ta’uun filatamuun isaanii kan yaadatamudha.

Liiz Tiras waggoottan 6 keessatti paartii koonsarvaatiiv keessaa muummee ministiraa 4ffaa ta’uu ibsameera.

Maanguddoon umrii waggaa 96 Mootittii Eelzaabeet, Liiz Tiras simachuu erga dubbisanii mootummaa akka hundeessan ajaja laachuu isaanii Roowitersi gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment