Liiqaa biyyoota hiyeeyyii yoo danda’ame haquu yoo ta’uu baatee ammoo yeroo liiqaa isaanii dheeresuun barbaachisaadha jedha Baankiin Addunyaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Liiqaa biyyoota hiyeeyyii yoo danda’ame haquu yoo ta’uu baatee ammoo yeroo liiqaa isaanii dheeresuun barbaachisaadha jedha Baankiin Addunyaa.

Weerarrii vaayiraasii koroonaa diinagdee biyyoota hiyeeyyii irratti miiidhaa hamaa qaqqaabsiisa waan jiruuf biyyoonni kun akka hin miidhamneef liiqaa isaanii haquu ykn yeroo liiqa isaanii dheerassuun barbaachisa jedhan Preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Malpaas.

Akkasumas liiqaa biyyoota kaffaluu hin dandeenye haquu ykn hir’isu qabna jedhaniiru.

Biyyoonni Garee 20(G20) jedhaman liiqaa biyyoota guddachaa jiranii Dooloora Ameerikaa Biiliyoona 5 haquuf ykn yeroo liiqaa biyyoota kanneeni dheeressuuf walii galu isaanii ibsameera.

Weerarrii kun haala amma jirun namoota miiliyoona 100 gara hiyyumaatti isaan galchuu waan danda’uuf baankiiwwan dhuunfaafi dhaabbileen invastiimaantii deeggarsa taasisuu qabu jedhameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Comments (0)
Add Comment