Liinkiin lammiilee Ityoophiyaa Yuukreen jiraatan akkaataa gara biyyoota ollaatti imaluu danda’an deeggarsa laatu ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) –Jarmanitti Imbaaasiin Ityoophiyaa lammiileen Ityoophiyaa Yuukreen jiraatan akkaataa gara biyyoota ollaatti imaluu danda’an liinkii deeggarsa laatu ifoomeera.

Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti uumame hordofee lammiileen Ityoophiyaa Yuukreen keessa jiraatan rakkoo tokko malee biyyoota ollaatti ce’uu akka danda’an manneen Hojii Ministeerota biyyoota kanneenii waliin qindoominaan hojjechaa turuu ibsameera.

Ministeera Alaa Yuukreen waliin dubbachuun lammiileen kunneen eessatti akka argamanii fi karaa daangaa kamii qaxxaamuruu akka danda’an Liinkiin odeeffannoo/ deeggarsa laachuu danda’u https://cutt.ly/qAi9vBJ ifoomeera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment