Liigiin Dubartootaa Hidhaa Abbayyaaf bittaa boondiin Birrii miiliyoona 300 walitti qabuufi

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Liigiin Dubartoota Paartii Badhaadhinaa ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaaf duula bittaa boondii Birrii miiliyoona 300 eegale.

Liigichi sosochii bittaa boondii Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti har’a eegalchiiseera.

Itti gaafatamtuun kutaa gurmaa’insa liigichaafi miseensi koree giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Aadde Asaggadach Taaddasaa, duullichi hanga Waxabajjii 30, 2015tti tura jedhan.

Sochii kanarratti miseensonni Liigichaa miiliyoona 3.6 ol kan hirmaatan yoo ta’u, miseensootaan alaattis abbootii qabeenyaa dabalatee dhaabbileen garaagaraa ni hirmaatu jedhaniiru.

Af- yaa’iin Caffee Oromiyaafi miseensi koree giddu galeessaa Liigichaa Aadde Saada Abdurahmaan gama isaaniin duulli bittaa boondii eegalame ashaaraa waloo Ityoophiyaanotaa kan ta’ee ijaarsa Hidha Haaromsa galmaan gahuuf kan kaayyeffatee ta’uu dubbataniiru

Bara darbe naannoon Oromiyaa ijaarsa Hidha Haaromsaaf deeggarsa birrii biliyoona tokko olii taasisuu yaadachiisanii, kana keessatti hirmaannaan dubartootaa % 50 ta’u ibsuu TOI gabaaseera.

Sochii kanaan duula bittaa boondii liigichaa galmaan ga’uuf tattaaffiin ni taasifama jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment