Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Liigiin Arabaa waliigalteen dhibuu Aljeeriyaa fi Moorokoo gidduutti mudatee akka furamuu waamicha dhiyeesseera.
Kibtaxa darbee Aljeeriyaan gama Moorokootiin ‘shirrii’ jiraachuu ibsuun hariiroo dippiloomaasii Moorokoo waliin qabdu addaan kutuushee beeksisteetti.
Kana hordofee dhaabbanni tumsa Isilaamuummaa ibsa baaseen biyyoonni lamaan adda addumma qaban marii akka hiikaan waamicha dhiyeessaniiru.
Saa’ud Arabiyaan gama isheetiin nageenyaa fi tasaggabbii naannichaaf jecha biyyoonni lamaan dhimmoota dursaa laachuu qaban irratti xiyyeeffannoon akka mari’atan waamichaa dhiyeessiteetti.
Barreessaa olaanaan liigii Araabaa Ahimaad Abuul Geeyaat gama isaaniin biyyoonni lamaan feedhiisaanii daangeessuun rakkoon caaluu akka hin mudanneef hojjechuu qabu jedhaniiru.
Maddi:-Aljeeziira
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann