Liigiichi lammiilee sababa waraanaan buqqa’aniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 20 caalu awalitti qabuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Liigiin Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee lammiilee sababa waraanaan buqqa’anii deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 20 fi kuma dhibba 7 olitti timaamamu walitti qabuu beeksiseera.
Sochii mata duree ‘Birrii 200 haadha koof, meeshaa tokko buqqa’aa tokkoof’ jedhuun kutaalee magaalaa 11irraa Birrii miiliyoona 20 walitti qabuuf karoorfamee Birrii miiliyoona 20 fi kumni dhibbi 7 ol walitti qabamuu ibsameera.
Sagantichaan meeshaleen ala Birrii miiliyyoonni 3.1 walitti qabamuun lakkoofsa herreegaa banametti galii ta’uu eerameera.
Meeshaaleen walitti qabame lammiilee sababa waraanaan naannoo Amaaraa Godina Waaghimraa, Naannoo Beenishaanguul Gumuzii fi naannoo Afaarii buqqa’aniif kan geeffamu yoo ta’uu, guyyaa har’aa marsaa jalqabaan gara Godina Waaghimraatti imalchiifamuu ni eegala jedhame.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment