Liigichi Mudde 21-25, 2015 yaa’ii idilee gaggeessa

Finfinnee, Mudde 19, 2015 (FBC)- Liigiin Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa yaa’ii idilee isaa Mudde 21-25, 2015 Magaalaa Adaamaatti kan geeggeessu ta’uun eerame.

Pireezidaantiin Liigichaa Asfawu Takilee ibsa miidiyaaleef kennaniin, sagantaleen sadarkaa Ardii jechuunis galgalaa obbolummaa Afrikaa, sagantaa biqiltuu dhaabuu Afrikaa Bahaa fi yaa’ii egeree Afriikaa dargaggoota Afrikaa hedduu hirmaachise gaggeeffamuu yaadachiisaniiru.

Kana malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuu fi hojiilee biroorratti hirmaachaa turuu ibsan.

Yaa’ii guyyoota shaniif turuunis gamaaggamaa raawwii hojiilee darbanii fi kallatti fuulduree, dambii ittiin bulmaata liigichaa fooyyessuu fi raggaasisuu, filannoo hoji raawwachiistuu, Koree, pireezidaantii fi dhimmoota biroorratti kan mari’atu ta’uun ibsameera.

Yaa’icharratti dargaggoota dhaabbilee, yuunivarsitootaa fi koolleejjiiwwan irraa dameewwan hundaan milkaa’anii fi kanneen biroon ni hirmatuun eegama.

Saamu’eel Warqaayyahutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment