Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Leetenaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaan Ministeeraa Ittisa Biyyaa bakka bu’uun dhimma nageenyaa fi tasgabbii naannawaa irraatti mari’achuuf Somaaliilaandiin galaniiru.
Leetenaal Jeneraal Birhaanuun, Somaaliilaandi, Hargeessaa, Buufataa Xiyyaraa Idil Addunyaa IGAD wayita ga’aan qondaaltota jeneraalaa Somaaliilandiin simatamaniiru.
Walta’iinsa nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa fi Somaaliilaandii gidduu akkasumas kan naannawaa irratti Pireezidaanti Somaaliilaandii fi qaamolee nageenyaa biyyattii biroo waliin bal’inaan akka mari’atan kan eegamu ta’uu ragaan Misteera Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.