Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Ajajaa Olaanaan Humna lafarraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Asraat Deenneeroon naannoo hidha haaromsa guddichaatti bakkeewwan gareen ergamtootaa ABUT itti barbadaa’anii fi Raayyaan Ittisa Biyyaa injifannoo itti gonfate daawwataniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa, miseensonni humna Addaa naannichaa fi milishoonni godina Matakkal irree gamtoomeen injifannoo galmeessisuu isaaniitiin ijaarsi hidha haaromsa guddichaa rakkoo tokko malee adeemsifamaa jiraachuu mirkaneesaniiru.
Garee shororkeessaa fi ergamtoota isaa yeroo dhiyootti dachee Ityoophiyaarraa duguugnee balleessuun ifa hidha haaromsaa guddichaa ni argina jechuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna