Leetanaal Jeneraal Mahammad Haamdaan hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Itti aanaan Preeezdaantii Sudaan, Leetanaal Jeneraal Mahaammad Haamdaan Daagloon hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwachuu ibsame.
 
Leetanaal Jeneraal Mahammad Hamdaan Proojaktoota magaalaa Finfinneetti hojjetamuurratti argaman daawwaachhu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Leetanaal Jeneraal Mahaammad Haamdaan hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan haala bu’aa qabeessa taasisuun danda’amurratti marii taasisaniiru.
 
Guyyaa keessaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwachuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment