Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Leenjisaan Garee Biyyaalessaa Ispeen Luwiis Enariikeen leenjisummaa isaaniirraa gaggeeffamuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ispeen beeksise.
Ispeen tapha waancaa Addunyaa Kuwaataaritti gaggeeffamaa jiruun Moorookoon adabbii rukuttaan injifatamuushee hordofee leenjisichi leenjisummaa isaaniirraa gaggeeffamuu federeeshinichi beeksiseera.
Leenjisichi garee biyyaalessaa kubbaa miilaa biyyattiif gahee ba’ataniif federeeshinichi galateeffateera.
Bara faranjootaa 2018 irraa eegalee garee biyyaalessaa kubbaa miilaa biyyattii hogganaa kan turan Luwiis Enariikeen turtiisaaniin tapha Neeshin Liigii Awurooppaan taphoota afur darbuu akkasumas tapha yuuroo 2020n walakkaa xumuraaf gahuu danda’aniiru.
Luwiis Enariikeen taphattoota dargaggootaaf carraa kennuun kan beekaman yoo ta’u, garee biyyaalessa kubbaa miilaa Ispeen ammaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Zagaardiyaan gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.