Leenjisaa Asiraat Hayileen du’aan addunyaa kanarraa boqotan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Seenaa Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa keessatti gumaacha olaanaa kan qaban taphataa fi leenjisaan duraanii garee biyyaaleessa Itiyoophiyaa Asiraat Hayileen du’aan addunyaa kanarra boqotaniiru.

Dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun boqochuu isaanii ibsameera.

Asiraat Hayileen taphataa fi leenjisummaan waggoota 60 oliif garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaboota garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.

Magaalaa Finfinnee naannawaa Mana Murtii Olaanaa Lidataatti kan dhalatan Asiraat Hayileen bara 1958 kaasanii taphataa, Leenjisaa fi Daayrektara Teeknikaa ta’uun hojjetaniiru.

Leenjisaan kun yeroo garagaraa 3 Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa leenjisuu Waaliyaawwan waliin Waancaa CECAFA yeroo 2f injifataniiru.

Leenjisaa Asiraat Hayileen abbaa ijoollee 8 turan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment