Leenjiiwwan Humna Galaanarraa ammayyeessuuf kennaman cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Leenjiiwwan Humna Galaanarraa Ityoophiyaa ammayyeessuuf biyya keessaafi alaatti kennaman cimee kan itti fufu ta’uu Reer Admiiraal Kinduu Gazzuu ibsan.

Humni Galaanarraa Ityoophiyaa bifa haaraan erga hundaa’ee booda leenjiiwwan dandeettii guddisuu biyya alaattiifi miseensota isaa biyya keessan kennamaa jiraachuu ibsameera.

Ajajaa Olaanaan Humna Galaanaa Ityoophiyaa Reer Adimiiraal Kinduu Gazzuun Giddugala Leenjii Koomaandoofi Humna Qilleensaatti argamuun miseensota Humna Galaanarraa leenjii Maariin Koomaandoo fudhachaa jiran daawwataniiru.

Leenjitoonni leenjiisaanii naamuusaafi gahumsaan fudhachuu akka qaban eeruun, beekumsa argatan warreen kaaniif qoodun jabaatanii akka leenji’an dhaamaniiru.

Leenjicha haalaan fudhachuun hojii humna galaanarraa ammayyeessuuf hojjetamurratti qooda keessan ba’achuuf ammumarraa of qopheessuu qabdu jedhan.

Ajajaan giddugala leenjichaa Koloneel Bojaa Aagaa gamasaaniin, leenjitoonni Maariin Koomaandoo Humna Galaanarraa namuusaanis ta’e sochii’kamiiniyyuu fakkeenyummaa kan qaban ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment