Leenjiisaan garee atileetiksii Baankii Daldala Ityoophiyaa Tafarii Makkoonnin boqatan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Leenjiisaan garee atileetiksi Baankii Daldala Ityoophiyaa Tafarii Makkoonnin du’aan addunyaa kanarraa boqataniiru.

Leenjiisaan Tafarii Makkoonnin garee atileetiksii baankii daladala Ityoophiyaa, garee biyyooleessaa fi gareewwan garaagaraa keessaatti leenjisummaan hojii bu’aa garii qabu hojjachuun atleetiksoota hedduu horuun ga’eesaanii ba’ataa akka turan ibsameera.

Boqachuu Leenjiisaa Tafarii Makkoonnif Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa gadda itti dhaga’ame ibsuun maatii, firoottaanii fi miseensaa garichaaf jajjabina hawwuu ragaan fulaa Feesbuukii Federeeshinichaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Comments (0)
Add Comment