Leenjiin Tajaajila Tola Ooltummaa Biyyaalessaa marsaa 4ffaan xumurame

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Leenjiin Tajaajila Tola Ooltummaa Biyyaalessaa marsaa 4ffaan Yuunivarsiitii Jimmaa Inistiitiyuutii Teeknooloojiitti kennamaa ture xumurameara.

Leenjii marsaa 4ffaa kanaan  dargaggoonni kumni 9 ol mata duree “ Gaarummaan Waliin Jireenyaaf” jedhuun Yuunvarsiitiiwwan garaagaraatti fudhachaa turan eebbiffamuufi  guyyaa har’aas Yuunvarsiitii Jimmaatti dargaggoonni kumni 1 fi 500 ol eebbifamuu eerameera.

Gorsaan Ministira Ministeeraa Nageenyaa Ambaasaaddar Isheetuu Dasseen haasaa saganticharratti taasisaniin, qoqqoddaa sabaafi walitti bu’iinsa hambisuuf gaarummaa fi waliin jireenya cimsuuf akkasumas ijaarsa nageenyaaf leenjichi ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaan gamasaaniin, isin irraa waan hedduu kan baratan hedduun jiraachuu eeruun, itti gaafatamummaa biyyi keessan isinitti laatteefi dirqama lammummaa keessan laphee Ityoophiyummaan hojiirra oolchuu qabdu jechuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment