Leenjiin sirna bu’a qabeessummaa Miidiyaa fi Kominikeeshiniirratti xiyyeeffate magaalaa Walqixxeetti kennamaa jira

Leenjiin sirna bu’a qabeessummaa Miidiyaa fi Kominikeeshiniirratti xiyyeeffate magaalaa Walqixxeetti kennamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017 (FMC) –Leenjiin sirna bu’a qabeessummaa miidiyaa fi kominikeeshinii diriirsuun waliin gahiinsa odeeffannoorratti hubannoo waloo uumuuf deeggaru Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Walqixxeetti kennamaa jira.

Leenjichi mata Duree” Miidiyaa fi Kominikeeshinii bu’a qabeessaa ijaarsa Seenessa waloof “ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Leenjicharratti Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, Itti Gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Giddugalessa Itiyoophiyaa Dooktar Dillaamoo Ottooree fi qondaaltonni olaanoo damee miidiyaa fi Kominikeeshinii biroon argamaniiru.

Leenjichi sirna bu’a qabeessummaa miidiyaa fi kominikeeshinii diriirsuun waliin gahiinsa odeeffannoorratti hubannoo waloo uumuuf kan kennamu ta’uun ibsameera.

Wal hubannoo waloo uumuuf leenjichi gahee olaanaa qabaachuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment