Leenjiin sadarkaa naannootti guyyoota shanan darbaniif laatamaa ture xumuramuu Pireezidaanti Shimallis ibsan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Leenjiin sadarkaa naannootti guyyoota shanan darbaniif hoggansa olaanaafi giddugaleessaaf wirtuuwwan leenjii Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaafi Naqamteetti kennamaa ture xummuramuu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan ibsan.

Paartiin keenya Badhaadhinni, barnoonnifi leenjiin, hoggansa keenyaaf dandeettiifi gahuumsa kan dabalu ta’uu hubachuun, guyyoota darban hoggansa Aanaa, godina, magaalaa fi naannootiif mata duree ”Dhugaa Waloo, Kalaqaafi Ariitii dhugoomina Mootummaa Intarpiriiniyeeraatiif jedhuun leenjii kennaa tureera.

Hoggansi keenyas beekumsaafi hidhannoo ogummaa haaraa leenjii kanaan horataniin caalmatti ummataa fi biyya isaanii tajaajiluuf kaka’uumsa akka horatan abdii olaanaa qabna jedhan Pireezidaanti Shimallis.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment