Leenjiin sadarkaa hoggansa federaalaa Paartii Badhaadhinaa kennamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Leenjiin sadarkaa hoggansa federaalaa Paartii Badhaadhinaa kennamaa jira.
 
Leenjichi magaalaa Finfinneetti kennamuu eegaleera.
 
Leenjicha haasadhaan kan jalqabsiisan miseensa hoji raawachiistuu Paartii Badhaadhinaa, ministira Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogasi.
 
Leenjichi jijjiirrama sadarkaa biyyaatti galmaa’an, tarkaanfiiwwan fudhataman, bu’aalee argaman, gufuuwwan mudatanii fi kallattii gara fuula duraarratti kan xiyyeeffatudha jedhan aadde Daagmaawiit.
 
Waltajjichi sagantaalee fi adeemsa paartichaarratti hubannaa waloo uumuuf gargaara jedhan.
 
Leenjidhaan buuda humna guutudhaan gaaffilee ummataa deebisuutti galamaanis ibsaniiru.
 
Leenjichi hoggansa 329 kan hirmacahisedha.
 
Leenjii guutuu biyyaatti guyyootii 10f gaggeeffamuun hoggansi kumni 40 ni hirmaata.
Comments (0)
Add Comment