Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Leenjiin qondaaltota olaanoo Magaalaa Finfinneef Giddugalaa Hoggansaa Afrikaatti kennamaa ture xumurameera.
Leenjichi, riifoormii dhaabbatummaa, naamusaa fi hoggantummaa jijjiiramaa akkasumaas jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormiiwwan Poolisiin Magaalaa Finfinnee gaggeesse irratti xiyyeeffachuun kennamaa turuu ibsi Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee FBC’f erge ni argisiisa.
Komishinarri Ittaanaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Faantaan, dandeettii raawwachiisummaa poolisii cimsuuf teeknooloojiiwwan ammaayyaa guutamaa jiraachuu ibsan.
Nageenya lammiilee mirkaneessuuf dhaabbataa poolisii keessatti hoggansa cimaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uu eeranii, miseensonnii fi Hoggansi Poolisii Finfinnee ergama biyyaalessaa simachuun dirqama isaanii ga’umsan bahachaa jiraachuu dubbataniiru.
Komiishinarri Koomishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argawu gama isaaniin leenjichi ergama dhaabbatichaa bu’uureffaachuun gaggeeffamuun, hoggansaa fi miseensota sadarkaan jiraniif kan kenname ta’uu hubachiisaniiru.
Leenjitoonnis, leenichaan ogummaa hoggansaa, hawaasaa abbaa nageenyaa taasisuu, dursnii yakka ittisuurratti xiyyeeffachuun jijjiramaa olaanaa akka mirkaneessan dubbataniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.