Leenjiin Qondaaltota Olaanoo Paartii Badhaadhina kennama ture xumurame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015 (FBC)-Leenjiin Qondaaltota Olaanoo Paartii Badhaadhinaaf guyyoota 12’f Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture milkaa’inaan xumuramuu Dursan Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Xumura waltajjii leenjichaarratti Pireezidaantiin Paartichaa Dooktar Abiy Ahimad kallattiwwan hojii fuulduraa kennuu ibsaniiru.

Leenjichi, tokkummaa keessoo haala caalmaan cimsuun, hoggansii akka walirraa baratuu fi muuxannoo waliif qooduun, yaadama bu’uuraa paartichaa ka’umsa taasifachuun qormaatilee keessoo fi idil addunyaaf kallattiilee furmaataarratti waliigaltee waloorraa ga’uun obboo Adam ibsaniiru.

Karoorawwan qabaman akkaataa ummataaf waadaa galameen akka raawwatamu kan taasisuu ta’uun himaniiru.

Leenjichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment