Leenjiin ogeeyyii Miidiyaa fi Kominikeeshinii marsaa 4ffaan kennamuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- leenjiin ogeeyyii Miidiyaa fi Kominikeeshinii marsaa 4ffaan Magaalaa Finfinneetti kennamuu eegaleera.

Leenjichi mata duree “Seennessa Biyyaalessummaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf” jedhuun kennamaa jiraachuun ibsameera.

Leenjicharratti ogeeyyii fi hoggansi hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii magaalaa Finfinnee, Naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Beenishaangul Gumuuz irraa hirmaachaa jiru.

leenjichaan Seenessa biyyaalessaa ijaaruuf gahee ogeeyyii Kominikeeshinii irratti kan xiyyeeffatee ta’uun eerameera.

Leenjichi milkaa’ina badhaadhina biyyaaf gahumsa kan uumu ta’uus ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment