Leenjiin Misooma Sululaa Yuunivarsiitii Haramaayaatti kennamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Biiroon Qonnaa Oromiyaa Leenjii Misooma Sululaa Yuunivarsiitii Haramaayaatti kennaa jiraachuu ibsame.

Leenjii kun mata duree”Duudhaa Oromoon Qabeenya Uumamaa Irratti Qabu Deebisuun Badhaadhina Waloo Haa Mirkaneesinu” jedhuun laatamaa jira.

Leenjii kanarratti Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu dabalatee hoggantoonni Waajjiraalee Qonnaa Godinaalee fi oggeeyyiin misooma sululaa qooda hirmaachaa jiru.

Leenjii kanaan hojiiwwan gama kunuunsa qabeenyaan hanga ammaatti hojjetame gidduu gala godhachuun xiyyeeffannoo gara fuuldurarrattis ni mari’atamaa jedhame.

Leenjiin kun har’aa eegalee hanga Mudde 15, 2015 tti walitti fufinsaan kan gkan kennamu ta’uu eerameera.

Hinkoosaa Abdiisatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment