Leenjiin Marsaa 2ffaaf hoggansa olaanoo fi giddugaleessaaf kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016(FBC)- Leenjiin hoggantoota ol’aanoo fi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa kuma 12 olii giddu galeessa leenjii 10’tti geggeeffama ture xumuramuu Paartichi beeksise.

Leenjichi mata duree “Idaarraa Gara Miindaa” jedhuun Fulbaana 29, 2016 irraa eegalee giddugaloota garaagaraa 10’tti kennamaa turuun kan yaadatamuudha.

Leenjichaan, tokkummaa yaadaa uumuun, dandeettii fi hubannoo badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf dandeessisan uumamuun ibsameera.

Kaka’umsa hojii fi miiraa biyyaalessummaa caalmaan cimsuu akkasumas hoggansi muuxannoo akka waljijjiiruuf haala mijataa kan uume ta’uu ragaan Paarticharraa argame ni mul’isa.

Hoggansi, leenjichaan yaadamaa bu’uuraa paartichaan hogganamaa haalaa qabatamaa biyyaa fi idil addunyaarratti hubannoo argachuun gahee hoggantummaa akka bahatuuf yeroo qophaa’ummaa akka tures akeekameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment