Leenjiin marsaa 2ffaa hoggantoota olaanoo fi giddugaleesaa Paartii Badhaadhinaaf kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Mata duree “Humna Mul’ataa Badhaadhina Hunda Galeessaaf“ jedhuun Leenjiin marsaa 2ffaa hoggantoota olaanoo fi giddugaleesaa Paartii Badhaadhinaaf kennamaa ture xumurame.

Leenichi hoggansi hojiilee siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaan, ijaarsa dhaabbatummaa mul’ata biyyaalessaa fi seenessii biyyaalessaa waliin qindeessuun bu’a qabeessummaan akka hojiirra oolchan taasisuuf kan kaayyeeffate ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Fuuldurattis hoggansi leenjicharraatti dhimmoota ka’aniin of ga’oomsuun hojilee misoomaa, bulchiinsa gaarii, nageenya, dippiloomaasii, ijaarsa dhaabbataa fi aadaa diimookiraasiin badhaadhina hunda galeessaa milkeessuuf qabsoo taasifamu itti fufsiisuuf gumaacha akka taasisu eegama jechuun akeekaniiiru.

Leenjii guyyoota 10’f kennaa kan ture yoo ta’u hoggantoonni sadarkaa olaanoo fi giddugaleessaa naannolee 11, bulchiinsa magaalotaa 2’n irraa baba’an kumni 22 fi 715 hirmaachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment