Leenjiin hoggantootaa mootummaa marsaa 3ffaan akka Oromiyaatti eegale

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Leenjiin dandeettii raawwachiistummaa hoggansa mootummaa marsaa 3ffaan akka naannoo Oromiyaatti wiirtuulee afuritti gaggeeffamuu jalqabeera.

Leenjiin Marsaa sadaffaa kun mata duree “Idaarraa Gara miindaa” jedhuun akka naannoo oromiyaatti wiirtuulee Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Maayaatti har’aa eegaleera.

Leenjiin kanaan hoggansa carraawwan misoomuu biyyi qabdu hubachuu fi badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura cimaa kaa’u horachuurratti kan xiyyeeffatee ta’uun ibsameera.

Leenjiin kun hoggantoota mootummaa guutuu biyyattiirraa walitti baba’an waloon kan hirmaachise yoo ta’u, mul’ata waloo akka biyyaatti qabame hubannaa fi dandeettii raawwachiistummaa hoggansaa sadarkaa olaanaatti guddisa jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Leenjiichi guyyoota 12’ dhufaniif mata dureewwan garaagaraa irratti kan kennamu ta’uunis ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment