Leenjiin hoggantoota Paartii Badhaadhinaa taa’amaa jira

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Leenjiin hoggantoota Paartii Badhaadhinaa giddu galeessaa taa’amaa jira.
 
Leenjichi magaalota godinaatti laatamuu eegaleera.
 
Haaluma kanaan leenjiin hoggansa magaalaa Jimmaa fi godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti, leenjiin hoggansa olaanaa fi giddu galeessaa godina Shawaa Bahaa, bulchiinsa magaalaa Adaamaa fi Baatuu kilaastara Adaamaatti taa’maa jira.
 
Godina Booranaa magaalaa Yaa’a Balloottis mariin Paartii Badhaadhinaa eegaleera.
 
Godinaalee kaanittis bifuma walfakkaatun laatamaa jira.
 
Leenjichi mataa duree ”Haala yeroo fi akeeka cee’umsa jijiiramaa Paartii Badhaadhinaa” jedhuun taa’amaa jira.
 
Leenjin kun har’a Fulbaana 4 irraa eegalee hanga Fulbaana 8,2013tti kan taa’amu ta’a jedhameera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hogganaa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaatin viidiyoo koonfiransiitiin leenjichi kennamaa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
 
 
 
Comments (0)
Add Comment