Leenjiin hoggantoota Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa milkiin xumurame

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Leenjiin hoggantoota giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa milkiin xumuramuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa ibse.

Guyyoota 15f gaggeeffamaa kan ture leenjiin hoggantoota giddugaleessaa Paartii Bdhaadhinaa Oromiyaa milkiin xumuramuu hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa beeksisaniiru.

Xumura leenjichaa ilaalchisuun obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa laataniiru.

Ibsa isaanitiin, hoggantoonni giduugaleessaa kuma 10 ta’an rakkinootaa fi bu’aa jijjiramaa akkasumas, sagantaa paartichaa ilaalchisuun leenji’uu isaanii ibsaniiru.

Hoggantoonni kunneen gara irraa dhufanitti si’a deebi’an hojii olaantummaa seeraa kabachisiisuu, walitti bu’iinsa hiikuu, siyaasa jibbiinsaa iittisuu fi gaaffii ummataa deebisuu hojjechuutu isaanirraa eegama jedhaniiru.

Ummanni imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf hoggansa waliin hojjechuu qabus jedhan.

Leenjii cinaatti gamaaggamni gaggeeffamuu kan ibsan obbo Fiqaaduun, guyyoota 7 kan gaggeeffamuu fi hoggantoota jalqabaa kuma dhibbaa fi kuma 50 kan hirchisu qophiin leenjii xumuramuu ibsaniiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment