Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC) – Leenjiin Hoggantoota Olaanoo Federaalaa Paartii Badhaadhinaaf guyyoota arfan darbaniif laatamaa ture xumurameera.
Waltajjichi hoggansa ga’umsa yeroon barbaadu qabu amanamummaa fi qajeeltoon ummata tajaajilu horachuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Hoggantoonni kunneen itti gaafamummaa itti laatame murannoo fi ga’umsaan ba’uuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Gaaffii misoomaa, nageenyaa, bulchiinsa gaarii fi badhaadhina hunda galeessa ummataa mirkaneessuuf cimanii kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin leenjii ijaarsa dandeettii kun hoggantoota fi caasaalee mootummaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalootaaf laatamaa jiraachuu ragaan Waajjira olaanaa Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.