Leenjiin hoggansa sadarkaa naannoo Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamuu eegaleera

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Leenjiin hoggansa sadarkaa naannoo Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamuu eegaleera.
 
Leenjichis naannoo Oromiyaatti magaalaa Jimmataa dabalatee, magaalaa Sandaafaa, Adaamaa fi Baatutti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Leenjii magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jirurratti hoggansi magaalaa Jimmaa, godina Jimmaa, Qeellam Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunoo Beddelleerraa walitti babba’an 2,300 ol hirmaachaa jiru.
 
Leenjichi naannoo Kibbaatti wiirtulee 14tti kennamaa jiraachuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa ibseera.
 
Boongaa, Tarcaa, Jiinkaa, Saawlaa, Arbaa Minc, Walaayittaa Sooddoo, Hoossaa’inaa, Waraabee, Walqixxee, Duraamee, Halaabaa fi magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
 
Naannoo Amaaraattis leenjin hoggansa kuma 10 hirmaachise, guyyootii 10 oliif kan laatamu ta’a jedhameera.
 
Leenjichis magaalaa Baahir Daar, Goondar, Dasee, Kombolchaa, Dabra Birihaanii fi Dabra Taabooritti kennamaa jira.
 
Naannoo Afaarittis leenjiin hoggansa sadarkaa olaanaa fi jiddugalaa eegaleera.
 
Naannoo Beenishaanguul Guumz, magaalaa Asoosaattis leenjiin hoggansa olaanaa fi jiddugaleessaa 600 ol hirmaachise taa’amaa jira.
 
Dabalataan magaalaa Finfinneettis hoggansi sadarkaa jiddugaleessaa fi jalqabaa Paartii Badhaadhinaa leenjicha fudhachuu eegalaniiru.
 
Leenjin har’a eegalame itti fufiinsan guyyoottan itti aananiif kan laatamu yammuu ta’u, jijjiirrama eegalame, ilaalcha ida’amuu fi yaadolii bu’uuraa Paartii Badhaadhinaarratti ni mari’atama.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment