Leenjiin “Haalota siyaasaa haaraa fi jijjiirama Addunyaa jaarraa 21ffaa” dippilomaatotaaf kenname

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Mata duree “Haalota siyaasaa haaraa fi jijjiirama Addunyaa jaarraa 21ffaa” jedhurratti leenjiin dippilomaatotaaf kenname.

Leenjichas Gorsaa Dhimma Nageenyaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaatti dippilomaatotaaf kennaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan leenjichaarratti, haalota Addunyaa yeroo ammaa, gufuuwwanii fi carraalee fuulduree irratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Haalota jijjiiramaa sirnaa addunyaa fi dhiibbaawwan jiraanirratti bal’inaan mari’atameera.

Dabalataan, Ambaasaaddar Reedwaan dippilomaattonni dammaqinaan hojjechuu akka qaban, jijjiirama jiru cimsuu fi irraas barachuu akka qaban hubachiisuu ragaan Ministeera Dhimma alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen leenjichaarratti waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa fi Naayiroobirratti hirmaachuun muuxannoo horatan dippilomaatotaaf qoodaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment