Leenjiin ga’umsa dandeettii marsaa 2ffaan magaalaa Hawaasaatti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Leenjiin ga’umsa dandeettii marsaa 2ffaan mata duree ‘seenessa Biyyaalessaa Ol ka’iinsa Itiyoophiyaaf’ jedhuun magaalaa Hawaasaatti eegalameera.
Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummataa fi idil addunyaa Obbo Addisuu Araggaan dabalatee hoggantoonni olaanoon naannoo Sidaamaa bakka argamanitti leenjichi eegalameera.
Leenjichi seenessa waloo ijaaruun olola qolachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Leenjii guyyoota shaniif turu kanarratti ogeeyyiin miidiyaa fi Kominikeeshinii naannoo Oromiyaa, Kibbaa, Sidaamaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaa hirmaachaa jiraachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment