Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa Embaasii Chaayinaa waliin ta’uun, barsiisoota Afaan Chaayinaa manneen barnootaa ifa boruu bultii addaa Sadarkaa 2ffaatti barsiisaaniif leenjii kenneera.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, kayyoon leenjii kanaa humna raawwachiisummaa barsiisoota afaan chaayinaa manneen barnoota ifa boruu bultii addaa sadarkaa 2ffaa cimsuuf akka tahe himaniiru.
Barattoonni afaan biyyoota alaa barachuun carraa hojii argachuun cinaatti walitti dhufeenya biyyootaa cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu Dr. Tolaan himaniru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.