Leenjiin balaa ibiddaa paarkiiwwan biyyaalessaarra ga’u ittisuu dandeessisu kennamuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Leenjiin balaa ibiddaa paarkiiwwan biyyaalessaarra ga’u ittisuu dandeessisu kennamuu eegaleera.

Balaa ibiddaa paarkiiwwan biyyaalessaarra ga’u dursanii ittisuuf leenjiin guyyootii 11 magaalaa Goondaritti taa’amaa jira.

Abbaa Taayitaa Eegumsaa fi Misooma Bineensota Ityoophiyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa fi tumsitoota misoomaa kanneen biroo waliin qindaa’uun taa’amaa jira.

Leenjichi sodaa guddaa paarkiiwwan biyyaalessaa kan ta’e balaa ibiddaa ittisuuf ijaarsa dandeettii cimsuufi jedhameera.

Comments (0)
Add Comment