Lammileen Ityoophiyaa 147 Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 1, 2013 (FBC) – Lammileen Ityoophiyaa 147 Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaatti deebi’an.
 
Ityoophiyaanoota Godaansan Saa’ud Arabaiyaatti rakkoo keessa jiran gara biyyaa deebisuuf Ministeerri Dhimma Alaa hojjechaa jira.
 
Dubartoonnii fi daa’immaan godaansa Saa’ud Arabiyaa turan 147 gara Ityoophiyaatti deebi’aniiru.
 
Godaaantoonni kunneen yeroo boolee buufata xiyyaaraa ga’an aanga’oonni mootummaa hedduun argamuun simannaa taasisuufii isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment