Lammilee kuma 252 oliif leenjii ogummaa garaagaraa kennameera-Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Bara baajataa 2015tti lammilee kuma 252 oliif leenjiin ogummaa dameewwan garaagaraan kennamuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Ministeerri Karooraa fi Misooma raawwii hojii Ministeera Hojii fi Ogummaa fi dhaabbilee itti waamamtoota bara 2015 gamaggameera.

Waltajjicharratti, raawwiin karoora bara baajataa 2015 Ministeera Hojii fi Ogummaa fi karoora misoomaa waggaa 10 irraa kan qoodamee karoora misoomaa fi invastimantii dhiyaatee irratti mari’atameera.

Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaarihaat Kamiil waltajjicharratti, bara bajatichaatti misooma ogummaa, Carraa hojii uumuu, qindoomina indastiriirratti hojiilee bal’aan hojjetameera jedhan.

Guddina ogummaatiinis lammiileen kuma 252 oliif dameewwan ogummaa garaagraan leenjiiwwan gaggabaaboon kennamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment