Lammilee fi dhaabbilee garee ABUT’n miidhamaniif deeggarsi meeshaalee Doolaara miliyoona 5 taasifame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC)- Lammilee fi dhaabbilee garee shororkeessaa ABUT’n miidhaaman deeggarsa meeshaalee Doolaara miiliyoona 5 baasanii taasisuu Neetwoorkii Deeggarsa Hawaasummaa Ityoo-Kanaadaa beeksise.

Pireezidaantiin Neetwoorkichaa Dooktar Tiwuut Asfaawu Ityoophiyaanoonni Kanaadaa jiraatan beekumsaafi maallaqaan deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsan.

Hanga ammaatti Ityoophiyaanoota Kanaadaa jiraataan qindeessuun sababa waraanaan lammilee miidhamanii fi dhaabbilee fayyaa manca’aniif kan oolu deeggarsa meeshaalee garaagaraa Doolaara miiliyoona 5tti tilmaamamu taasisuu himan.

Deeggarsa kanas naannoolee Amaaraa fi Afaaritti lammilee fi dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan miidhaman qaqqabsiisuu himaniiru.

Sagantaa waamicha biyyaa hordofuun affeerra irbaataa maasara mootummaatti qohaa’erratti Doolaara kuma 800 walitti qabuun akka danda’ame yaadachiisan.

Neetiwoorkichi, diyaaspooraa Ityoophiyaa waliin ta’uun odeeffannoowwan sobaa Ityoophiyaa ilaalichisuun tamsa’an ittisuuf hojjechaa turuus himaniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment