Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Lammiin Keeniyaa torban darbee keessaa du’eera jedhamuun bakka reeffii kaa’amuu keessaa ‘gara lubbuutti deeebii’unsaa’ himamee ture amma dhuguma du’uusaa midiyaalee biyya keessaa gabaasan.
Hojjattoonni mana reeffaa keessa hojjatan akka himaniitti torban darbe wayita namtichi lafa du’ee ka’ee iyyeetti isaan ”reeffa” qopheessaa turan.
Dargaggoon umurii 32 Piitar Kiijan dhukkuba yeroo dheeraa dhukkubsataa waan tureef wallaansaafi garas geeffamee booda hospitaalaa bahee ture.
Inni taatee sanaan booda gaazeexaa Keeniyaa ‘Daily Nation’ jedhamuutti akka himeetti, lubbuun jiraachuutti gammadaa ta’u ibsee ture. ”Kunis hojii Waaqaati” jedhees ture.
Oduun lubbuutti deebii’u dargaggoo kanaa biyyattii keessatti midiyaalee hawaasaarratti baay’ee kan qoodamee ture yoo ta’u, dhimmichi garuu bakka bu’aa filatamaa Gumii Kaawuntii Kerichootiin gaaffii kaasee ture.
Isaaniis dhimmi sun attamiin akka mudate akka qoratamuuf garee hundeessanii ture. Gabaasichi booda hojjattoota fayyaa komii irraa bilisa taasise.
Dubbii himaan maatiin nama kanaas dutii isaa mirkanaa’uu guyyaa Kamisaa gaazexaa ‘Standard’ jedhamuutti himaniiru.
”Kigeen erga Hospitaala Kaawuntii Kerichii kan inni walaansa dabalataatiif Kaapkaateet irraa itti dabarfame qaqqabeen booda du’uunsaa mirkanaa’eera,” jedhan Hezboon Tonuu.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.