Lammiin Iraan Nargees Mahaamadi Badhaasaa Noobeelii nageenyaa 2023 injifatte

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Qabsooftuu cunqursaa dubartootaa Iraan, qabsoo bilisummaa fi mirgaa namoomaaf taasifteef badhaasa noobeelii nageenyaa 2023 lammii Iraan Nargees Mahaammadiif Kennuuf murteessuu Koreen Badhaasaa Noobeelii beeksise.

Nargees Mahaammad qabsoo taasifteen wareegamaa olaana kan kaffalchiiseen yoo ta’u, yeroo 13 kan hidhamte, si’aa shan himatamuun kan itti murteeffame fi waliigalaan waggoota 31 mana hidha keessatti dabarsuu fi si’a 154 kan reebamte ta’uun eerameera.

Yeroo ammaas Nargees Mahaammad mana hidhaa akka jirtu eerameera.

Nargees Mahaammad dubartii falmituu mirga namoomaa, qabsoo bilisummaa fi diimookiraasii Iraan ta’uu ibsi Koree Badhaasaa Noobeelii nageenyaa ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment