Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa hundi Raayyaa Ittisa Biyyaa akka deeggaruu qabu Koreen qabeenya walitti qabuu waamicha dhiheessera.
Lammiin Ityoophiyaa hundi Rayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruu akka qabu Raayyichaaf qabeenya walitti qabuuf koreen sadarkaa biyyaatti hundaa’e waamicha dhiheessera.
Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa maallaqaa karaan ittin walitti qabu keessaa tokko saraarri ergaa gabaabaa lakkoofsi ‘6800’ hojiirra ooluu jalqabuu himareera.
Lakkoofsa kana fayyadamuun lammileen Ityoophiyaa hundi maallaqa danda’u rayyaa ittisa biyya akka deeggaru koreen kun himeera jechuun EBC gabaasera.
Walitti qabaan Korichaa fi Ministir Deettaan ministeera Daldalaa Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa akkasuma Komishineerri gumurukaa Dabalee Qaabataa ibsa waloon kennaaniin raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun itti fufinsa biyyaa deeggaru ta’uu himaniiru.
Yeroo ammaa Ityoophiyaan dhiibba adda addaa jala kan jirtu ta’uu hubachuun hawaasni waan irra eeggamu gochuu qaba jedhaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.