Lammiilen Ityoophiyaa 80 Libaanos irraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Lammiilen Ityoophiyaa  sanada seeraa malee biyya  Libaanos turan 80 gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Waajjirri Qonsilaa FDRI Libaanositti waajjira Immigireeshinii waliin mari’achuun lammiilee Ityoophiyaa sababa garaagaraan sanada seeraa malee Libaanos jiraachaa turan gara biyyaatti akka deebi’an taasisuu eerameera.

Lammiileen gara biyyaatti deebi’an kunneen bara baajataa 2014tti marsaa jalqabaan warren galmaa’anii turan keessaa ta’uu ragaan Waajjira Qonsilaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment