Lammiileen Sudaan walitti bu’iinsa biyyattii baqachaa turan 25 Galaanarratti lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Walitti bu’iinsa Giddugala Sudaanitti gaggeeffamaa jiru baqachuun namoonni Bidiruun imalaa turan 25 lubbuun darbuu ibsameera.

Namoota Balaa kanaan miidhaman keessaa harki caalu dubartootaa fi daa’immanii ta’uu ibsameera.

Maatiin tokko guutummaatti dhumuu isaaniis eerameera.

Walitti bu’iinsa humnoota Sudaan Gidduutti bara Faranjootaa Baatii Eblaa 2023 eegalame kanaan hanga ammaatti lubbuun lammiilee nagaa kuma 16 fi 650 darbuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjirri qindeessaa dhimmoota namoomaa ibseera.

Namoonni miiliyoonni 7.7 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu himeera.

Namoonni miiliyoonni 2.2tti hiiqan ammoo daangaa ce’uun gara biyyoota ollaatti godaanuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment