Lammiileen Sudaan mormii mootummaa biyyattiirratti taasisaan itti fufaniiru

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Lammiilee Sudaan mootummaa waraanaa biyyarratti hiriira mormii taasisaan cimsanii itti fufaniiru.

Fonqolcha mootummaa bara darbe gaggeeffame hordofee lammiileen Sudaan hiriirri mormii gaggeessaan itti fufaniiru.

Mormichaan wal qabsiisee hedduun miidhaa qaamaa fi lubbuun darbaniiru.

Guyyaa kaleessas lammiileen Sudaan kumaatamatti lakkaa’amaan mootummaa waraanaa biyyatti mormuun kutaa biyyatti adda addaatti hiriira gaggeessaniiru.

Hiriirota gaggeeffameen humnoonni nageenyaa Sudaan aaraa imimmaanessu gadi lakkisuun hiriiricha bittinneessuuf yaalii taasisuu Afrikaa Niwuus gabaaseera.

Baatii Onkoloolessa fonqolchi mootummaa Jeneraal Abdulfattaah Al Burhaan biyyatti dhiibbaa cimaa siyaasaa fi diinagdeetif saaxileera jedhame.

Biyyattiitti qaala’iinsi jireenya %250 qaqqabuu ibsameera.

Fonqolcha mootummaati as gatiin daabboo, ibsaa fi bobo’aa sadarkaa olaanaan dabaluu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment