Lammiileen Sudaan ijaarsa hidha haaromsaa maallaqaan kan deeggaran ta’uu himan

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Lammiileen Sudaan ijaarsa hidha haaromsaa maallaqaan kan deeggaran ta’uu himan.

Sagantaa galii walitti qabuu ijaarsa hidha haaromsaa dhiyeenya ifoomeen lammiileen Sudaan deeggarsa maallaqaa taasisaa jiru jedhame.

Erga sagantaan kun ifoomee lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa, akkasumas lammiileen Sudaan deeggarsa maallaqaa taasisuurratti akka argaman ibsameera.

Laga Abbayyaa giddugala juuqumsaarraa giddugala misoomaa taasisuuf hojii hojjetamu Ityoophiyaa fi biyyoota ollaa waliin deeggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uu lammiileen Sudaan dubbataniiru.

Lammiileen Sudaan kunneen ijaarsi hidha haaromsaa hanga xumuramutti waan danda’an hundaan deeggaruuf qophii ta’uu isaanii ragaan waajjira dubbii himaa Ministeera Dhimma alaa FDRI irraa argame ni muul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment