Lammiileen miiliyoonni 7 waraqaa Eenyummaa Diijitaalaf galma’uun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 7 waraqaa Eenyummaa Diijitaala fudhachuuf galma’uu Waajjirri Projektii Waraqaa Eenyummaa biyyaleessaa beeksiise.

Tajaajilli waraqaa Eenyummaa Diijitaala odeeffannoo namoota dhunfaa walitti qabuuf dhaabbiilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eerameera.

Pirojektichi waggoottan sadan dhufanitti lammiilee miiliyoona 90 fayyadamoo taasisuuf karoorfachuu Gorsaan Hirmaannaa Dhaabbiilee Pirojektichaa Olaanaa Abbabaan ibsaniiru.

Tajaajilli Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabaachuu kaasuun, hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 7 waraqaa eenyummaa Diijitaalaf galma’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment