Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Sadarkaa Biyyaalessaatti lammiileen miiliyoona 72 fayyadamtoota bishaan dhugaatii taasisuun akka danda’ame Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan dubbatan.
Raawwiin karoora bara baajata kanaa guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittaffaan raawwii damee Bishaanii fi Inarjii ilaalchiauun ibsa kennaniin, baatiiwwan kurnan darban waliingahiinsa bishaan dhugaatii fi saaniteeshiniin hojiilee jajjabeessoon hojjetamuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan sadarkaa biyyaalessaatti lammiileen miiliyoona 72 fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun akka danda’ame ibsan.
Pirojektii “Hidha koo qe’ee kootti” jedhuun naannawaaleen hongeen miidhaman bishaan roobaa cimmisuun fayyadamtoota taasisuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu eeran.
Kanas fuulduratti naannawaalee birootti akka babal’atu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Damee Bishaanii fi inarjiitti dabalataan Ministeera Qonnaa fi Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii waliin ta’uun qabeenyaa jiru bu’aa qabeessummaa fayyadamuun akka danda’ame dubbataniiru.
Fuuldurattis, hojmaata qindaa’aa cimsuun pirojektoota eegalaman saffisaan xumuruuf kan hojjetamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia