Lammiileen miiliyoona 4 ta’an deeggarsa hatattamaa barbaadu-Komishinicha

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)-Lammiilee miiliyoona 4 ta’an deeggarsa hatattamaa akka barbaachisuun Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa, Qindeesaaa Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin dhiyeessii deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa waloo baasaniiru.

Ibsichaanis mootummaan Itiyoophiyaa dhabbilee tumsitootaa waliin ta’uun oomishtummaa qonnaa dagaagsuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Haa ta’u malee, hongee irra deddeebiin mudataa jiruun miidhaa qaqqabu ittisuuf deeggarsaa fi tumsa qaamolee deeggartootaa akka gaafatu akeekameera.

Naannawaalee naannolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Afar, Kibba Itiyoophiyaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaa hongeef saaxilamanitti lammiileen miiliyoonaa 4 ta’an deeggarsa nyaataa hatattamaa akka barbaachisu beeksisaniiru.

Hongee mudate hordofee hanqina nyaataa dabalatee dhibeewwan akka Busaa, Gifiraa fi Koleera mudachuu fi beeyladoota gaanfaarra miidhaan qaqqabuun ibsameera.

Hanqina qabeenyaa jirutti dabalataan naannawaalee deeggarsi barbaachisu qaqqabsiisuuf rakkoolee nageenya mudatan hojiilee deeggarsa qaqqabsiisuurratti dhiibbaa uumuu ibsichi akeekeera.

Ta’us, dhaabbileen mootummaa fi dhaabbileen deeggarsaa naannawaa hongeen miidhamanitti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun akka danda’ame beeksisuu TOI gabaaseera.

Deeggarsa marsaa sadii ol taasifameen mootummaan lammiilee miiliyoona 7.3’f deeggarsa dhiyeessuu akka danda’e eerameera.

Naannawaa walakkeessa baatii Muddeetti deeggarsa dhaabbilee biroo fi Sagantaa Nyaataa Addunyaa eegalameen Naannoo Amaaraa, Tigraay, Somaalee fi Afaaritti lammiilee miiliyoona 6.5 deeggarsa akka argatan taasifamuun ibsameera.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa kunis kanneen deeggarsi dursa barbaachisu hundaaf baatii Amajjii cimee kan itti fufu ta’uu ibsichaan akeekameera.

Qaamoleen tumsitootaas sochii kana tumsuuf xiyyeeffannaa akka kennan waamichi kan dhiyaate yoo ta’u, deebii yeroon gaafatu deeggarsa maallaqaa fi namoomaa dhiyeessuun dhimma murteessaa ta’uun eerameera.

Mootummaa fi dhaabbileen deeggartootaa, deeggarsa namoomaa gama dhiyeessuun muuxannoo qabanii fi humna nama baratee qaban hojichaaf oolchuuf qophii ta’uu ibsichaan akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment